Qajelfama Madaallii abbootii Alangaa Oromia Lakk 15/2013 pdf

Qajeelfama Sirna Madaallii Raawwii Hojii Abbootii Alangaa fi Muudamtoota Gumii Kan Biroo Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Murteessuuf Bahe 

 Amala addaa Ogummaa Abbaa Alangummaa irratti hundaa’uun sirna madaallii raawwii hojii saayinsawaa, ifa, loogii irraa bilisa, ittigaafatamummaa hordofsiisuu fi ogummicha waliin wal-simu diriirsuun waan barbaachiseef;

 Miira tajaajiltummaa fi waldorgommii Abbootii Alangaa, Muudamtoota Gumii kan biroo yookiin Ittigaafatamtoota Hojii gidduutti uumuun tajaajila Abbaa Alangummaa qulqulluu, si’ataa, fi tilmaamawaa ta’e fi dhaqqabamummaa qabu hawaasa Naannichaaf  kennamuf Sirna Madaallii Raawwii Hojii Abbootii Alangaa, Muudamtoota Gumii kan biroo fi Itti gaafatamtoota hojii Mana Hojichaa diriirsuun waan barbaachiseef;

Safartuuleefi agarsiiftuu madaalliin ittiin gaggeeffamu, qaamolee madaallii gaggeessuu keessatti hirmaatan, madda ragaa fi yeroo madaalliin itti gaggeeffamu karaa ifaa ta’een raawwachuuf hojimaata iftoomina qabu diriirsuun barbaachisaa ta’ee waan argameef;

Sirna komiin madaallii ilaalchisee ka’u ittiin keessumeeffamuufi bu’aa Madaalliin Abbaa Alangaa, Muudamtoota Gumii kan biroo fi Ittigaafatamtoota Hojii hordofsiisu murteessuun waan barbaachiseef; 

https://youtu.be/Ek-Lb_6uTQM

Sirni madaallii raawwii hojii Abbaa Alangaa qajeelfama Gumii Bulchiinsa Abbootii Alangaa Waliigalaa ogummaa Abbaa Alangummaa fi ulaagaalee ifa ta’an irratti hundaa’e baasuun kan raawwatamuu qabu ta’uu isaa Dambii Bulchiinsaa fi Naamusa Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa Lak. 218/2013 keewwata 67 jalatti waan akeekameef;

Akkaataa  Dambii Bulchiinsaa fi Naamusa Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa Lak. 218/2013 keewwata 153 tiin Gumii  Bulchiinsa Abbootii Alangaa Waliigalaa Qajeelfama kana basee jira.

Chaanali mana hoji AA God jimma.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *