Websaayiitii Ofiseelawaa Waajjira Abbaa Alangaa Limmuu Koossaa
Ergama Mul’ataafi Duudhaalee Waajjira Kenyaa

Ergama (Mision)
Bulchinsa Godina Jimmaa Aanaa Limmuu Koossaa keessatti namoota heeraa fi seera darbanii fi gocha yakkaatiin shakkaman seeratti dhiyeessuun murtii saffisaa fi haqa qabeessa ta’e itti kennisiisuun ol’aantummaa seeraa mirkaneessisuudhaan nagaa fi tasgabbii uummatichaa eegsisuu, dantaa hariiroo hawaasaa ummataa fi mootummaa kabachiisuu, ragaa seera qabeessa ta’e galmeessuu, hubannoo seeraa hawaasichaa gabbisuu, seerotni bifa wal fakkaatuun hojii irra akka oolu taasisuu.

Mul’atni Kenya
Bara 2022 tti Bulchinsa Godina Jimmaa Aanaa Limmuu Koossaa keessatti tajaajila Abbaa Alangummaa raawwii caalmaa qabu kennuun sirna haqaa amantaa uummataa horate uumuu dha.

Galmi kenya
Tajaajila Abbaa Alangummaa si’oomina fi bu’a qabeessa ta’ee kennuun itti qufinsaa/amantaa uummanni kenninsaa tajaajila keenya irratti qabu dabaluu.Yakkoota ciccimoo dantaa ummataa miidhan (violent crime) hir’isuu fi nageenya ummataa mirkaneessuu Olaantummaa seeraa mirkaneessuuMana Hojii Dandeetti raawwachisummaa foyyee qabuufi gama hundaan fakkeenyummaa gaarii qabu uumu

Duudhaalen Kenya
Olaantummaa seeraa Faayidaa uummataa eegsisuu fi dursa kennuu Bilisummaa Ogummaa Itti gaafatamummaa Iftoomina Hojimaataa badaa fi malaamaltummaa jibbuu Fakkeenyummaa Hirmaachisummaa, Tajaajila gahumsa qabu kennuu, Jijjiiramaaf qophaa’uu fi hojjechuu, Beekumsaa fi amantaan hogganuu, Miira tajaajiltummaa qabaachuu fi Aadaa gareen hojachuudha.
Abbotii Alangaa Waajjira Kenyaa
Abbotii Alangaa Fii Hojjettoota Waajjira Kenyaatin Walbaraa

Obboo Nuradin Tasfeye
Ittii Gaafataamaa Waajjiricha

Abbaa Adeemsaa

Abbaa Alangaa

Abbaa Alangaa

Abbaa Alangaa
Websaayitiin Ofiseelaa Waajjira Abbaa Alangaa Godina Jimmaa Bara 2013 kessattii kan banamee yommuu ta’u erga websaayitiin kenya kuni banamee Heera Motummmaa Federaalaa fi Kan Naannoolee sagalii dabalatee labsii motummaa federaalaa lakkofsa 1/1987 irraa kaasee jiran hundumaayyuu akkasumas labsilee MNO hundumaa dambiif qajelfamoota dabatlatee dokumantoota seeraa kuma kudhashan caaluu maxxansuudhaan haawaasa bal’aadhaaf gahuu dandenyee jirraa